Loading...
Waajjirri Bulchiinsaaf Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa gaggeessitoota manneen amantaa magaalicha keessatti argaman waliin raawwii hojii 2018 fi karoora of danda'uu bara 2019 irratti mari'ataniiru. I/G Waajjira Bulchiinsaaf Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Taarraqeny Tasfaayee milkaa'ina raawwii hojii nageenyaa akka magaalaatti gonfanne keessatti gaheen abbootii Amantaa olaanaa ta'uu ibsanii dhaabbileen amantaa fi hawaasni magaalichaa qaamolee maqaa amantaatiin daldalanii fi olola sobaatiin diinatti makaman gorsuun nageenya magaalaa keenyaa waaressuu keessatti qaamolee nageenyaa waliin ta'uun gahee olaanaa qaban bahachuu akka qaban dhaamaniiru.
Ajajaan Qajeelcha Poolisii Olaanaa Magaala Adaamaa I/A Komishinaraa Shawaayyee Dachaasaa nageenyi magaalaa keenyaa mirkanaa'ee namni amantaan kamuu jaalalaan waliin jiraachuu fi hawwatummaa magaalaa keenyaa mirkaneessuu keesaatti gaheen manneen amantaa olaanaa waan ta'eef ilaalcha ana malee fi kiyya malee jedhu keessaa baanee duudhaa amantaa fi biyya keenyaa walfaana kabajuun dhaloota hannaa fi jeequmsa lagatu uumuu qabdu jedhaniiru.