Loading...
Kaayyoon sagantichaa waggoottan Shanan darban hojiilee waliigalaa hojjetaman kessatti cimina fi hanqina adda baasuun karoora bara itti aanuu milkeessuuf gahee daldaltootaarratti mari'chuuf akka tahe ibsameera. Akka kutaa magaalichaatti gama carraa hojii uumuun,kenna tajaajilaa ammayyeessuutiin,bu'uuraalee misoomaa guutuutiin fi badhaadhina maatii mirkaneessuutiin hojii hojjetameen hawaasni daldalaa fayyadamoo tahuu xiinxala dhihaateen ibsameera. Sassaabbii galii baraa baratti fooyya'aa dhufe keessatti tumsi daldaltoota ol'aanaa akka tures tuqameera.
Daldaltoonni maricharratti yaada kenanniin mootummaan wantoota galtee hojii isaanii tahan bishaan,ibsaa fi kanneen biroo guutuuf hojii boonsaa hojjetuu himanii kaayyoo fi galma mootummaan biyya jijjiiruuf qabate dhugoomsuuf gahee nurraa eegamu ni baana jedhan.
Tilmaamni galii fi buusiin seraan alaa darbee darbee mul'achuu himanii furmaata fiduuf hordoffiin itti fufiinsaan taasifamuu akka qabu gaafataniiru. Itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa damee kutaa magaalaa Abbaa Gadaa obbo Abdoo Muhaammad komii fi yaada marichaan ka'e galtee karooraa godhachuun bu'aa caalmaa fiduuf hubannoo daldalaa cimsuu fi alnaamusummaa ogeessootaa hanbisurratti akka hojjetemu dubbatan. Hojii Raawwachiisaa ol'aanaan kutaa magaalaa Abbaa Gadaa Injinar Naannoo Masqalee magaalicha gama hundaan dorgomaa taasisuuf hojiin bal'aan hojjetamaa jiraachuu himanii kana itti fufsiisuuf qoodni daldalaa ol'aanaadha jedhan. Daldalaan seera fi danbii kabajuu,galii fi gibira yeroon kaffaluu fi meeshaalee qulqullina qabu maamilaaf dhiheessuun guddina biyyaa keessatti itti gaafatamummaa isaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.