Loading...
Sagantaa sosochii hubannoo kana irratti raawwii hojii waggoottan shanan darbanii keessatti ciminoota gama intarpiraayizootaan argame irratti, hanqinootaa fi qormaatilee mudatan akkasumas hojiiwwan karoora of danda'uu bara 2019 keessatti xiyyeeffannoo argachuu qaban irraatti sanadni kan dhiyaate yoo ta'u, mariin bal'aan taasifamera.
Hirmaattoonni sagantichaa yaada kaasaniin, waajjirichi gama carraa hojii uumuutiin hojiin hojjechaa jiru gaarii ta'uu kaasani, gama dhiyeessii bishaanii, daandii fi kanneen biroo irratti xiyyeeffannoo itti kennamuu akka qabu kaasaniru.
Itti gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Abdulqaadir Xayyibuu, guddina diinagdee biyyaa mirkaneessuu keessatti gaheen intarpiraayizootaa ol'aanaa ta'uu ibsani,oomisha gabaa biyya keessaafi alaatti dorgomaa ta'e oomishuun qaala'insa gabaa tasgabbeessuufi imala badhaadhinaa milkeessuuf kutannoon hojjechuu akka qaban dubbataniru.
Xiyyeeffannoon waajjirichaa inni guddan badhaadhina maatii mirkaneesuu ta'uu eerani, intarpraayizoonni aadaa qussannaa jijjiiruu fi omishaa fi omishtumma dabaluun,badhaadhina maatii mirkaneessuu akka qaban dhaamaniru.
Itti Aanaan Kantiibaa fi Qindeessaan Damee Tajaajilaa Obbo Nigaatuu Mootummaa, dhimmooni kanneen akka bishaanii daandii fi kanneen biroo mana keessaa ka'an xiyyeeffannoo kan itti kennamu ta'uu eerani, kalaqaa fi teekinooloojitti madaquun omishaa fi oomishtummaa guddisuun carraa jiru sirnaan fayyadamuun jijjiiramaa fi bu'aa caalmaaf hojjechuu akka qaban himani, milkaa'innoota akka magaalaatti argaman itti fufsiisuun jijjiirama akka biyyaatti argame sadarkaa olaanatti ceesisuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniru