Loading...
Deeggarsi kan kenname qe'ee qotee bultootaa aanaa solloqee Dongorre Furdaatti yoo ta'u,Hoggantoonni Magaalaafi Kutaa Magaalaa,Aanaafi Waldaa Qaxxaamura Diimaa akkasumas barattooni hirmaataniiru.
Hojii Raawwachisaa ol'aanaan Kutaa Magaalaa Daabee Obbo Fayyisas Lammii Aanichaaf qaamoleen adda addaa deeggarsa taasisaa turuu himuun waldaan qaxxaamura Diimaas kana dhugoomsuuf meeshaalee barnootaa deeggarsa taaaise jedhan.
Itti Gaafatamaan Waldaa Qaxxaamura Diimaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Buusarii Bundhaa yeroo barnootaa sababeeffachuun tola ooltummaa fi hojjettoota isaanii qindeessuun Dabatara fi Qalamaa walitti qabuun barattoota maatiin harka qalleeyyii 120 'f kennuu himuun fuulduraaf bakka hanqinni jiru hundatti deeggarsa akka taasisan dubbatan.
Itti Gaafatamtuun Waajjira Kominikeeshinii Magaalaa Adaamaa fi Bakka Buutuun Caffee Oromiyaa Aadde Aminaa Inkushi Waldaan Qaxxaamura Diimaa waldaa hojii tola ooltummaa kallattii hundaan hojjechaa jiraachuu kaasuun barattoota boru abdii biyyaa ta'aniif meeshaalee barnootaa deeggarsa taasisuutti gammachuu qabaachuu eeran.
Bulchaan Bulchiinsa aanaa Solloqee Dongorree Obbo Sa'iid Huseen qaamolee jiraattoota aanaa isaaniif deeggarsa taaaisan galateeffatan.