Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-12-04
Magaalaa Adaamaatti Lafa heektaara kuma 30 irratti qamadii bonee jallisiin oomishuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa Magaalichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa magaalaa Adaamaa Obbo Alamuu Qilxuu akka magaalichaatti omishni waggaatti marsaa Sadiin omishamaa jiraachuu himuun, bara kanas lafa heektaara kuma 30 irratti qamadii bonee facaasuuf karoorfame irraa  callaa kuntaala miliyoona 1.5 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. 

Ittii Aanaa Kantiibaa fi Qindeessaa Kilaastara diinagdee Magaalaa Adaamaa obbo Mulaatuu Dhibbaa, badhaadhina biyyaa galmaan gahuuf hojii jallisii qonna qamadiif xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa akka jiru himuun kanaanis qonnaa bulaan fayyadamaa ta'aa jiraachuu dubbataniiru. 

Bulchaan Aanaa Malkaa Adaamaa Obbo Magarsaa Dabalee akka ibsanitti, Xaa'oofi sanyii qonnaan bultootaaf yeroon dhiyeessuun oomisha qamadii bara kanaa milkeessuuf hojjetamaa akka jiruu fi lafti hektaara 935' misoomsaa jiraachuu kaasanii callaan kuntaala kuma 47'ol akka abdatamuus  dubbatan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4