Loading...
Sagantaan leenjii fi waldorgommii gannaa kunq gosoota Ispoortii 16n atileetota/Ispoorteessotoota/ kuma 15 wiirtuulee gargaraarraa hirmaatan gidduutti gaggeeffamuu ibsan waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Magaalattiitti Dursaan Garee Leenjii Dorgommii fi Baruumsa Ispoortii obbo Jaallataa Margaa. Dargaggootni yeroo boqonnaasaanii iddoo hin taanetti akka hin dabarsinee akkasumas gahuumsaa fi dandeettii Ispoortii akka cimsatan gochuu maddiitti gosoota Ispoortii adda addaan bakka bu'oota filachuun danda'amuu kaasan.
Kanumaanis atileetoota 80 sadarkaa naannoo fi biyyaalessaatti filatamaniiru jedhan.
Hariiroo hawaasummaa cimsuu fi Carrara hojii uumuu akksumas hirmaanna tajaajila lammummaa ispoorteessitootni taasisaniinis bu'aan galmaa'uu himan obbo Jaallataan.
Sagantaan cufiinsaa kun taphoota gareewwan kubbaa miilaa taphattoota umrii 13 gadii, 15gadii, umrii 17 gadii fi 20gadii gidduutti gaggeeffameen dabaalameera.
Kantibaa Itaanaa fi Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Nigaatuu Mootummaa akkasumas Ittigaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Fufaa Garmaamaa argamuun gareewwan injifatanii fi taphattoota ciccimoof waancaa fi meedaaliyaa kennaniiru.