Loading...
Baazaarii fi egzibiishiniin kunis guyyoota sadiif kan turu yoo ta'u, qindeessummaa Waajjira Aadaa fi Turiizimii Magaalaa Adaamaa fi iventii Ifaatin kan qophaa'eedha
Itti Gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turiizimii Magaalaa Adaamaa obbo Caalchisaa Magarsaa Miidhaa olaanaa midiyaaleen hawaasaa dhaloota irraan gahaa jiru hirrisuun dhaloota tasgabaa'aa fi dubbisee beekumsaa gadi fagoo horate qabaachuuf yaadamee sagantaa qophaa'edha jedhan.
Haaromsa aadaa akka naannoo keenyatti taasifame bu'uura godhachuun mana barnootaa keessatti manni kitaabaa ammayyaan akka jiraatuuf hojii hojjetamaa jiruuf egzibiishiniin kun karaa kan saaqudha kan jedhan immoo itti gaafatamaa waajjira barnootaa magaalaa Adaamaa obbo Darajjee Tasfaayeeti.
Saganticha irratti kan argaman itti gaafatamaan waajjira kantiibaa magaalaa Adaamaa obbo Bariisoo Doorii kalaqa jajjabeessuun diinagdee guddisuun adunyaa irratti dorgomaa ta'uuf beekumsa horachuun murteessaa ta’uu himan.
Kana keessattis dubbisuun gahee olaanaa waan qabuuf dargaggoonni keenya aadaa dubbisuu akka qabaataniif sosochiin akanaa jajjabeeffamuu kan qabu ta'uu dubbatan.