Loading...
Hojjettoonni Mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aanaa Wanjii, ganda #Baatee_garmaamaa keessatti biqiltuu #Muuzii kilaastaraan dhaabaniiru.
I/G Waajjira Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Makuryaa Dinquu galmoota gurguddoo arfan qabanne keessaa wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjettoonni mootummaa gahee olaanaa qaban mul'isuuf kilaastara muuzii kanarratti waan hirmaataniif galateeffatanii magaalaan Adaamaa inisheetivoota qonna magaalaa bifa qindaa'een kilaastaraan omishuun kadhaarraa gara omishtummaatti ce'uun murteessaa waan ta'eef ogeeyyiin ogummaadhaan hawaasni humnaa fi hordoffii walirraa hin cinne taasisuu akka qabanis dhaamaniiru.
I/G Waajjira Qonna Magaalaa Adaamaa Obbo Alamuu Qilxuu qonna magaalaa ammayyeessuu, sanyii filatamaa fi teeknoloojidhaan deeggaramnee omishaaf omishtummaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii kilaastara muuzii hektaara 62 jallisiidhaan qonnaan bulaa gurmeessuun guyyaa har'aa hojjettoota mootummaa fi hoggansa magaalichaa waliin jalqabsiisuun hojjettoonni mootummaa ogummaa fi beekumsaan deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.
Bulchaan Aanaa Wanjii Obbo Qumbii Loongalee hirmaannaa fi fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf inisheetivoota bocaman humna guutuun hojiirra oolchuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.