Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-08-09
Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Bokkuu shananiitti jiraattonni aanaa Haroorettii duulaan ba'uun lafa heektaara 1 fi walakkaarratti biqiltuu Avokaadoo dhaaban.

Aanittiitti sochiin duula ashaaraa magariisaa cimee kan itti fufe yoo ta'u, biqiltuun Avokaadoo kun kilaastara zoonii Haxxee Haroorettiitti ooyiruu qonnaan bultoota adda duree lafa heektaara 1fi walakkaarratti dhaabbate.

Jiraattonni dhaabbii biqiltuurratti hirmaatan biqilioonni uummata Oromoo biratti hiikkoo guddaa qabaachuu himanii, gaaddisa qofa osoo hin taane wabii nyaataas ta'uu danda'aniiru jedhan.

Obbo Hayiluu Taliilaa abbaa qabeenyaa fi qonnaan bulaa adda dureedha. Kanneen ooyiruu isaarra avokaadoon dhaabbate keessaa tokko.Kilaastara qonna avokaadoon cinattis  qe'ee jireenyaa isaaniitti kuduraalee fi muduraalee garagaraa baay'inaan oomishaa jiraachuu dubbatu. 

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanichaa obbo Ahimad Magraa ganna kana akka aanittiittii biqiloota gosa garagaraa kuma 300 ol dhaabuuf karoorfameen hanga ammaatti raawwiin karooraa ol ta'uu himan.

Bulchaan aanaa Haroorettii  Obbo Urgeechoo Kabbadaa sochii Ashaaraa magariisaa  bara kanaatiin biqiliota nyaataa fi bosonaaf oolan dhaabaa turuu dubbatan.

Kilaastara avokaadoo zoonii Haxxee Haroorettiitti jalqabame gara zooniwwan biroottis babal'isuun badhaadhina maatii milkeessuuf xiyyeeffannoon  hojjachaa kan jiran ta'uus himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Bokkuu shananii Obbo Damee Raggaasaa sochii innisheetivioota qonnaa bara kanaatiin aanota kutaa magaalichaa keessatti  dhaabbii biqiltuu dabalatee gosa midhaan garagaraa kilaastaraan oomishaa jiraachuu himanii, keessumaa kilaastara kuduraa fi muduraa heektaara 52 karoorfame keessaa hanga ammaatti heektaarri 48 raawatamuus himaniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
Related