Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-08-20
Magariisummaafi miidhagina buufataalee konkolaataa dabaluun iddoo tajaajilli kabajaafi safuu hawaasaan dabaalame itti kennamu gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ejensiin geejibaa bul.magaalaa Adaamaa beeksise.

Ejansichi jalbultii ddula ashaaraa magariisaa biyyoolessaa sababeeffachuun konkolaachistoota  hirmaachisuun buufata konkolaataa piikok keessatti biqiltuu dhaabeera.

Seenaan buufataalee konkolaataa yeroo ka'u yeroo baay'ee iddoo imaltootni itti dararaman,arrabsamaniifi daddarbatamtu sammuu namaatti dhufa.

Ejansiin geejibaa magaalaa Adaamaa seenaa badaa buufataalee konkolaataan walqabatee jiru hundeerraa jijjiiruun buufataaleen konkolaataa iddoo tajaajilli kabaja,safuufi duudhaa hawaasaa bu'uureffate itti kennamu gochuuf riifoormii buufataalee konkolaataa gaggeessaa jiruun bu'aaleen jajjabduu galmaa'aa jiraachuu imaltootatu ragaa baha.

Kana malees magariisummaafi miidhagina buufata konkolaataa piikookiifi migiraa dabaluuf ejensiin geejibaa magaalaa Adaamaa jalbultii sagantaa duula ashaaraa magariisaa biyyoolessaa sababeeffachuun konkolaachistoota sarara bobbii garagarasrra jiran  hirmaachisuun buufata konkolaataa piikook keessa biqiltuu dhaabe.

Saganticharratti kan argaman itti gaafatamaan ejensii geejibaa magaalaa Adaamaa obbo Makuraa Shuumii buufataaleen konkolaataa magaalichaa tajaajila si'ataafi qulqulluu akka kennan hojiin bal'aan hojjetamaa jira jedhan.

Yaadama muummee munistiraa Itooohiyaa Dr.Abiyyi Ahimed kan ta'e duula ashaaraa magariisaa biyyoolessaatti makamuun seenaa hijjechuuf jalbultiirratti biqiltuu dhaabuu eegalle,misooma biyyaa utubuun gochaani jedhan.

Itti gaafatamaan diviizyinii nageenya tiraafikaa qajeelcha ol aanaa poolisii magaalaa Adaamaa Inispeektar Dassaalany Abarraa balaa tiraafikaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe ittisuuf konkolaachistootni naamusa oogummaa isaaniif bitamuu qabu jedhan.

Qindeessaan buufata konkolaataa piikook obbo Girmaayee Mararaa konkolaachistoiraafi hojjettoota buufatichaan biqiltuun dhaabame kun magariisummaa dallaa buufata konkolaataa kanaa dabala,biqiqiltuu dhaabame kanas kunuunsuuf qophiidha jedhan.

Konkolaachistootni sagantaa dhaabbii biqiltuu kanarratti argaman tokko tokkos sochii duula ashaaraa magariisaa kanatti makamuun ashaaraa isaanii kaa'uutti akkaan gammadneerra jedhan.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4
Related