Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-07-30
Hoggansii fi hojjettoonni Waajjira Dargaggoof Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Maatii hawaasa Ispoortii Waliin #Gaara_Boortichaa irratti Biqiltuu Dhaabaniiru.

I/G Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mulugeetaa Qaabatoo gareen ispoortessitootaa fi maatii Ispoortii hundi hojii ispoortii hojjachuun fayyummaa fi dorgomtummaa cimsuun cinaatti naannoo keenya faalama gara garaarraa ittisuu fi kunuunsudhaan guddattoonnii fi dargaggeessi bakka hin malle akka hin ooluurra iddoo hawwataa fi magariisa uumuu keessatti gahee olaanaa qaban bahachuun dhalootaaf dabarsuu akka qabnu dhaamaniiru.

I/G Waajjira Qonnaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Alamuu Qilxuu akka Magaalaatti waggoottan 5'n darban kanatti hojiiwwan gama ashaaraa magariisaan raawwataman gurguddoo ta'uu fi bara 2016  Magaalichi biqiltuu miliyoona 6 dhaabuuf karoorfatee hojjachaa jiru milkeessuuf qooda fudhattootni hundi hirmaannee magaalicha keenya gama kanaan caalatti milkeessuuf qindoomnee hojjachuurratti qaamni hundi gaheesaa akka bahatu gaadataniiru.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4
Related