Loading...
Sagantaa dawwanaa kana irratti hoggantoonni sadarkaan jirani fi koreen dhaabbii shanan kan argaman yoo ta'u, giddu gala badhaadhina namooma dargaggootaa,manneen kitaabaa, iddoo hara galfii dargaggootaa akkasumas dirreen kubbaa miilaa daawwatamuun, rakkoolee jiran irratti mari'atamera.
Af-yaa'iin mana maree magaalaa Adaamaa Addee Immabet Jibbaa, manni marichaa karoora bara 2017 keessatti qabatee hojjachaa jiru keessaa giddu galawwani fi olmaa dargaggootaa mijataa ta'e uumuuf hojjachaa akka jiru himani, dargaggeessa waa kalaquu fi uumuu danda'u horachuun biyya waa hundaan badhaate taasisuuf xiyyeeffannaan hojjachaa akka jiran himaniru.
Qulqullinnaa fi magarisummaa irratti dargaggeessa aanaaalee hirmaachisuun misoomsuu akka qaban kan himan Addee Immabet, giddu galawwan kana irratti carraan hojii bal'aan uumameefi madda galii uumuu akka qaban ibsaniru.
Itti gaafataman waajjira dargaggoof ispoortii magaalaa Adaamaa Obbo Mulugetaa Qaabatoo, hojiiwwaan olmaa dargaggootaa irratti karoora addaa baafatani hojjachaa akka jiran himani, giddu galaawwan magaalicha keessatti babal'isuun daa'imman lafaa dhuftuuf abdii itti horuu qabna jechuun, aanaalee hunda irratti olmaa dargaggootaa ijaaruuni fi misoomsuun dargaggeessii irraa fayyadamaa akka ta'uu taasisuuuf hojjachaa jirra jedhan.
Qaamoleen daawwanicha irratti argaman yaada Raadiyoo ABS'f kennaniin, dargaggeessi iddoo hin malle akka hin olleef olmaan dargaggootaa murteessaa ta'uu eeruun, abbootii qabeenyaa fi qaama dhimma ilaalu hirmaachisuun aanaalee hunda keessatti hojjatamuu akka qabu kaasaniru.