Loading...
Waldorgommiin kunis walta'iinsa waldaa Ispoortii mootaraa Itoophiyaa fi waajjira dargaggoof Ispoortii magaalaa Adaamaatiin kan qophaa'e yoo ta'u, Kantiibaa Hayiluu Jaldee dabalatee hoggantoonni gara garaa irratti argamaniiru.
Saffisa konkolaataa 1000CC, 1300CC, 1600CC fi 2000CC'tiinis dorgommichi gaggeeffameera.
Hoji gaggeessaan waldaa Ispoortii Mootaraa Itoophiyaa Obbo Addiis Alamaayyoo, Ispoortii Mootaraa sadarkaa Addunyaatti hawwatamummaa guddaa argachaa jiru gara biyyattiitti fiduun hojiirra oolchaa jiraachuu himaniiru.
Dargaggoota fedhii qaban leenjisuunis sadarkaa Addunyaatti Ispoorteessitoota damee kanaan biyyattii bakka bu'uu danda'an horachuuf hojjetamaa jira jedhan.
Akka magaalichaatti Gosoota Ispoortii maraaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira kan jedhan ammoo itti gaafatamaa waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Adaamaa Obbo Mulugeetaa Qaabatooti.
Dorgommiin gama konkolaataan eegalames jajjabeessaa ta'uu himan.
Xumura irrattis dorgomtoota sadarkaa tokkoo hanga sadii ba'aniif badhaasni kennameera.