Loading...
Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Piriimeer liigii Itoophiyaa keessatti dhiiraa fi dubaraan hirmaachaa kan jiruu fi bakka bu'aa magaalichaa qofa osoo hin taane ambaasaaddara naannoo Oromiyaa tokkicha ta'ullee Hundeeffamarraa (1983) kaasee bu'aa ba'ii gara garaa keessa kan darbee fi
rakkoo hidhannoo, mindaa taphattootaaf leenjistootaa, dhiyeessii nyaataa fi loojestikii gara garaa hiikuuf teletooniin qophaa'eera.
I/G Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa fi Pirezidaantiin Kilabii Kubbaa Miilaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Mulugeetaa Qaabatoo teletoonii galii kilabichaa cimsuuf qophaa'erratti ibsa miidiyaa kennaniiru.
Teletoonii guddaa qaamolee gara garaa hirmaachise marsaa lamaan qopheessuun kilabichi bu'uura ummataa akka qabaatuu fi galiidhaan akka cimu dhaabbata piroomooshinii fi Ivantii Roobaa waliin ta'uun sagantaalee sassaabbii galii gara garaa qopheessuu ibsicha keessatti eeraniiru.
Haaluma kanaan;
1ffaa. Teletoonii jalqabaa fi affeerraa irbaataa magaalaa Adaamaa sadaasa 29, hoteela Nafleet keessatti qopheessuu
2ffaa. Baazaarii fi egzibiishinii (feestivaala ispoortii) magaalicha keessatti qopheessuu
3ffaa. Fiigicha daandiirraa fi dorgommii kubbaa miilaa umrii fi saalaan gaggeessuu
4ffaa. Teletoonii lammaffaa handhuura Oromiyaa Finfinneetti bakka keessummoonnni federaalaa fi naannoo argamanitti kan gaggeeffamu yoo ta'u waliigalaan qarshii miliyoona 180 sassaabuuf qophiin barbaachisu xummurameera jechuun hoggansi sadarkaan jiru, abbootiin qabeenyaa, jaalattoonni kilabichaa, deeggartoonni kilaba tokkicha hafe kanaaf deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha dabarsaniiru.
Bakka Bu'aan Dhaabbata Piroomooshinii fi Ivantii Roobaa Obbo Kamaal Xeeneshoo kilabichi jaalattootaa fi deeggartoota hedduu kan qabu waan ta'eef bu'uura ummataa akka qabaatu qophii hojii beeksisaa fi galii walitti qabuu xummuruu ibsanii teletoonii fi feestivaala ispoortii magaalaa Adaamaa fi Finfinneetti gaggeessuuf qophii kan xumuran ta'uu ibsaniiru.