Loading...

News

Welcome to our News page, Here you can get latest news about Adama city.

Article Details

2024-09-21
Waajjirri Dargaggoof Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa waldaa deeggartoota kilabii kubbaa miilaa magaalaa Adaamaa waliin akkaataa kilabicha cinaa dhaabachuun danda'amurratti mari'ateera.

I/G Waajjira Dargaggoof Ispoortii Magaalaa Adaamaa fi Pirezidaantiin kilabichaa Obbo Mulugeetaa Qaabatoo kilabichi bu'uura ummataa akka qabaatuu fi deeggartoota kilabichaa biyya keessaa fi alaa hirmaachisuun rakkoo mallaqaa kilabichaa furuuf hojjetamaa jira jechuun waldaan deeggartoota kilabichaa gahee adda durummaa bahachuu akka qaban dhaamaniiru.

   Waltajjichi yaadannoo sammuu pirezidaantii waldichaa du'aan adda bahe Obbo Moosisaa Laggasaatiif #yaadannoo_sammuu taasisuun kan eegale yoo ta'u waldaa deeggartoota kilabii kubbaa miilaa bifa haaraan cimsuun kilabii qormaata gara garaa keessa darbee aa gahee fi ambaasaaddara naannoo Oromiyaa ta'e cinaa dhaabachuun danda'amurratti mari'atameera.

News Image 1
News Image 2
News Image 3
News Image 4