Loading...
Dhaabbiin biqiltuu kunis kan gaggeeffame kutaa magaalaa Bokkuu Shananii Aanaa Torban Obootti.
Afyaa'iin itti aanaa magaalaa Adaamaa Obbo Tamasgeen Kabbadaa Dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa bara kana akka guutuu biyyattiitti qabame galmaan gahuuf qaamoleen haqaa gahee isaan irraa eegamu bahachaa himaniiru.
Itti gaafatamtuun waajjira Abbaa Alangaa magaalaa Adaamaa Aadde Dinqinash Fayyisaa Balaa jijjiirama qilleensaatiin dhufu ittisuuf biqiltuu dhaabuun furmaata waaraa kan fidu ta'uu ibsaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabamanis kunuunsuun galma barbaadameef akka oolu ni taasifama kan jedhan ammoo Waajjira Pabliik Sarviisii fi misooma humna namaatti qindeessaa sagantaa fooyya'iinsa sirna haqaa obbo Darajjee Hurrisaati.
Hawaasnii fi seektaroonni mootummaa hundi sosochii ashaaraa magariisaa kana itti fufsiisuu keessatti gahee isaanii akka bahatanis dhaamaniiru